Oromiyaatti baajata Birrii biiliyoona 13 oliin hojiin ijaarsa hidhawwan jallisii hojjetamaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Gurraandhala 26, 2014 (FBC) – Oromiyaatti qonna irkattummaa roobaarraa jalaa baasuuf baajata Birrii biiliyoona 13 oliin hojiin ijaarsa hidhawwan jallisii giddugaleessaa fi xixiqqaa hojjetamaa jiraachuu ibsame.
Jilli Preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu godina Shawaa Bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa fi Wanjii Kuriftuutti oomisha qamadii bonee jallisiin misoomaa jiru daawwateera.
Misooma jallisii boneef mootaroonni bishaan harkisan kumni 20 qonnaan bultootaaf raabsamuu obbo Shimallis daawwannichaan ibsaniiru.
Godinaalee hunda keessatti lafa heektaara kuma dhibba 3 fi kuma 55 olirratti qamadiin jallisiin misoomaa jiraachuu eeruun lafti heektaarri kumni dhibbi 2 fi kumni 70 sanyiif qopheeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara baajataa ittaanutti lafa heektaarra miiliyoona 1rratti qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfamuu ibsuun ijaarsi hidhawwan jallisii fi qotiinsi bishaan boollaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Dame qonnaa eeggatummaa roobaa jalaa baasuuf baasii baajata Birrii biiliyoona 13 oliin hojiin ijaarsa hidhawwan jallisii giddugaleessaa fi xixiqqaa ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.
Hanqina bishaanii qonnaan bultootaa furuuf hojiin oomishtoota hirmaachise qotiinsi bishaan boolla gadi fagoo fi hojiin ijaarsa hidhawwan jallisii giddugaleessaa fi xixiqqaa cimee itti fufuu akka gorsaan Imaammata Maaykroo Ikoonoomii Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Girmaa Birruun ibsaniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasseen gamasaaniin naannoo Oromiyaatti bu’aan gama seektara qonnaan galmaa’aa jiru abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.
Hojiin misooma qamadii naannichatti hojjetamaa jiru naannolee hundatti babal’isuun oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu qabna jedhan.
Hojiin misooma qamadii jallisii godinaalee Shawaa Bahaa, Kibba Lixa Shawaa fi Shawaa Lixaa sadarkaa fooyyee qaburratti kan argamu ta’uu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa daawwanichaan ibsaniiru.
Qonnaan bulaaf walitti hidhamiinsa gabaa uumuun bu’aa dhamaatiisaa akka argatu gochuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.