Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti asiidummaa biyyee ittisuuf Nooraa kuntaala miiliyoona 63 barbaachisa-BQO

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti asiidummaa biyyee ittisuuf nooraa kuntaala miiliyoona 63 akka barbaachisu Biiroon Qonnaa Oromiyaa akeeke.

Hogganaa Ittaanaa Biirichaa Obbo Eliyaas Kadiir, lafti naannichaa %43 rakkoo asiidummaa qabaachuu fi oomishtummaarratti dhiibbaa uumaa jirachuu ibsaniiru.

Asiidumaa biyyee kana wal’aanuufis dandeettii Warshaa Nooraa naannichaa dabaluuf tattaaffii taasifameen warshichi waggaatti nooraa oomishu guddisuun danda’ameera jedhan.

Lafa asiidummaan miidhame wal’aanuuf Nooraa kuntaala miiliyoona 63 ol akka barbaachisu eeranii, kanaafis baajatni Birrii miiliyona 276 qabamee sochiin eegalamuu himan.

Fedhii jiru saffisan guutuuf warshaaleen simmiintoo fi jipsamiis Nooraa akka oomishan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Almaaz Mokonnintu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.