Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Arfaasaan lafa heektaara miiliyoona 1.2 misoomsuuf qophiin taasifameera-BQO

Finfinnee, Guraandhala 25, 2016 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti waqtii Arfaasaa baranaan lafa heektaara miiliyoona 1.2 misoomsuuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuu biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera.

Biirichatti Daayrektarri Misooma Midhaanii Obbo Musxafaa Huseen akka himanitti, waqtii Arfaasaa baranaa lafa heektaara miiliyoona 1.2 misoomsuuf qophiin barbaachisaan taasifameera.

Haaluma kanaan hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 675 ol qotamee facaasaaf qophaa’uu himanii, qonnaan bultoonni oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf qophii taasisaa jiraachuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Naannichaatti godinaalee waqtiin Arfaasaa misoomsan 11’f xaa’oon biyyee fi sanyiin filatamaan dhihaachaa jira jedhan.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.