Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti adeemsi baruu fi barsiisuu bara 2017 boru eegala – BBO

Finfinnee, Fulbaana 6, 2017 (FBC) – Naannaaoo Oromiyaatti adeemsii baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2017 guyyaa boruu kan eegalu ta’uu Biiroon Barnootaa naannichaa ibseera.

Boru Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hunda (Bu’uura Boruu hanga kutaa 12ffaa) keessatti simannaa ho’aan ta’een barnoonni kan eegalu ta’uu eereera.

Barattoonni bara Haaraa Yaadaafi Qalbii Haaraan akka baratan dhaameera.

Manneen Barnootaa kuma 37 fi 941 ol keessatti Barsiisota kuma 300 oliin barattoota miliiyoona 12 ol simachuun barsiisuuf boru adeemsi baruu fi barsiisuu ifatti kana eegalu ta’uu ragaan Biiroo Barnootaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.