Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Abuukaadoo sanyii filatamaa babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Waggoottan shanan dhufanitti Oromiyaarraa oomisha Abuukaadoo alatti erguuf hojjetamaa jiraachuu Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa himaniiru.
 
Jilli obbo shimallisiin durfamu qophii sanyii filatamaa Abuukaadoo buufata biqiltuu godina shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti misoomaa jiru daawwateera.
 
Preezdaant Shimallis hojiin sanyii filatamaa Abuukaadoo kun saffisaan godinaalee Oromiyaa oomisha abuukaadoof mijataa ta’anitti babal’achuu akka qabu ibsaniiru.
 
Waggoottan shanan dhufan keessatti Abuukaadoo sanyii filatamaa baayy’inaan oomishuun gabaa alaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
 
Misooma Abuukaadoorratti hojjechuun diinagdee qonnaan bulaa guddisuuf qaamni hundi tumsa barbaashisu gochuu akka qabu obbo Shimallis dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa fi qabeenya uummamaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.