Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti abbootii qabeenyaa kuma 3 fi 100’f eeyyamni invastimantii kenname

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Oromiyaatti kurmaana jalqabaa Abbootii qabeenyaa kaappitaala Birri biiliyoona 32 galmeessan kuma 3 fi 100’f eeyyamni invastimantii kenname.

Hogganaan Biiroo Indaastirii fi Invastmantii Obbo Ahimad Indiriis, hawwattummaa invastimantii naannichaa dabaluuf hojiilee bal’aan gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaaf dhiyeessii lafaa dabalatee tajaajilaa faayinaansii fi liqii akkasumaas deeggarsi addaa addaa akka qophaa’aan ibsaniiru.

Rakkoon dhiyeessii humna elektirikii yoo mudate furuufis qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun waliigalteerra ga’amuu himuu TOI gabaaseera.

Abbootiin qabeenyaas dameewwan qonnaa, maanufaakachariingii fi tajaajilaarratti bobba’uu himaniiru.

Bara baajataa kanatti pirojektiiwwan invastimantii kuma 7 ol simachuu fi hojii eegalchiisuuf karoorfamuun hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.