Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan qabeenya Aadaa fi Tuurizimii Argisiisa Daldalaa fi Turizimii Addunyaarratti beeksiste

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Qabeenyi Aadaa fi tuuriizimii Naannoo Oromiyaa waltajjii Argisiisa Daldalaa fi Turizimii Addunyaa Jarman Barliinitti gaggeeffamaa jirurratti dhiyaate.

Argisiisa kana irratti Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni 180 ta’an, dhaabbileen turizimii kuma 10 ol hirmaachaa jiru jedhameera.

Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaas qabeenya Aadaa fi Turizimii Naannoon Oromiyaa qabdu sagantaa kana irratti agarsiisaaf dhiheesseera.

Itti Aanaan Hogganaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Hundee Kabbadaa sagantaa kana irratti argamuun hirmaattotaa fi daawwattootaaf qabeenya aadaa fi tuuriizimii Oromiyaarratti ibsa kennuu ragaan biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.