Oromiyaa — Gandan, Gandaafii: Bu’aa Qabsoo Ummataa!
Seenduubee Gurmaa’insa Caasaa Gandaa
Itiyoophiyaatti hundeeffamni Ganda Baadiyyaa bara 1967 humnoota siyaasaa bitaatiin kan jalqabeedha.
Gandoonni Baadiyyaa amma jiran irra caalaan hundaa’anii caasaa mootummaa isa gadii kan ta’an yeroo kanatti.
Haata’u malee, hanga mootummaan jijjiiramaa haaromsa gurmaa’insa caasaa gandaa amma adeemsisaa jiru jalqabutti gahee, angoo, humni namaafi leecalloon caasaa gandaa guutumaan guutuutti adiyyoo ture.
Gandi caasaa mootummaa aanaadhaa jalqabee oljiru waliin hidhata idilee kan hinqabneefi akka gurmaa’insa mootummaatti caaseffama sirnaan beekamu kan hinqabne ture.
Hojiin bulchiinsaa sadarkaa kanatti tures, tajaajila lammummaa jiraattota dhuunfaa yeroo boqonnaa isaaniitti kennamuun gaggeeffamaa kan ture.
Rakkoolee Ijoo Haaromsa Gurmaa’insa Gandaa Dirqisiisan
Caaseffamni gandaa waggoota 50 lakkoofsisus, tajaajilli mootummaa guutumaan guututti hanga jedhamutti sadarkaa aanaafi sanaa ol qofatti qocamuu cinaatti, qaama ittigaafatamummaan to’atu ramaduu dhabuun, hojiileen misoomaa sadarkaa gandaatti/araddaatti adeemsifamaa turan hordoffiifi deeggarsa gahaa akka hinarganne danqeera.
Bifuma walfakkaatuun, kuufamni humna namaafi heddummina qaamolee hojii raawwachiiftuu sadarkaa aanaa ture, bulchiinsa qabeenya kanneenii si’oomsuu irratti hudhaa guddaa ta’ee tureera.
Karaa biraatiin, caasaan gandaa humna namaafi iddoo hojii mijataa dhabuu, akkasumas gaheen isaafi caasaa aanaa gidduu jiru ifatti kaa’amuu dhabuun, sadarkaa gandaatti bulchiinsi bu’a qabeessa ta’e akka hinummamne gufachiisera.
Walumaagalatti gama tokkoon ummanni tajaajila qaqqabamaafi si’ataa akka hinarganne kan danqe yoota’u, gama biraatiin hirmaattummaafi qooda ummanni imaammata, tarsiimoo, sagantaa, karooraafi gamaaggama raawwii mootummaa keessatti taasisuu qabuufi gahee bahachuu qabu gufachiisuun mirga dimokraasii isaa sarbeera; dandeettii misoomuu isaa haqanqaalera.
Maddoota Ka’umsa Haaromsa Gurmaa’insa Gandaa
Mootummaan jijjiiramaa naannoo keenyaa, sirna bulchiinsa gandaa, al-idileefi maqaa qofaan walakkaa jaarraa tokkoof ture kana irra deebiin gurmeessuun lubbuu itti horuun dhimma yeroon hinkennamneef ta’uu hubatee erga hojii jalqabee bubbuleera.
Hojiin haaromsa gurmaa’insa mootummaa gandaafi aanaa dabalate kun, maddoota ka’umsaa alaafi keessaa heddu irratti kan hundaa’edha.
Qorannoowwan yeroo adda addaa sadarkaa federaalaafi naannootti gaggeeffaman akka agarsiisanitti, caasaa mootummaa ummatatti dhihaatee misooma, nageenya, kenniinsa tajaajilaafi kkf gahumsaan hogganuu danda’u haaromsuun/gurmeessuun murteessadha.
Dabalataanis, bu’aan qorannoowwan kanneenii, fedhii mootummaan naannoo keenyaa, sadarkaa ummataatti gabaa ijaaruu, ogummaa babaldhisuufi misooma bu’uuraa sadarkaa araddaa irraa ka’u dhugoomsuuf qabu waliin kan walsimu ture.
Kana malees, muuxannoon idil-addunyaa, keessumaa biyyoota akka Hindiifi Kooriyaa Kibbaa irraa argame, bulchiinsi qe’eetti gadi bu’e hagam mootummaafi ummata cimsuu akka danda’u hubannoo gatii qaalii kan nuuf argamsiise ture.
Muldhanni Mootummaan Naannoo Oromiyaa sadarkaa maatiifi hawaasaatti badhaadhina hundagaleessa milkeessuuf qabnus, tattaaffii haaromsa gurmaa’insa kana milkeessuuf taasifne kan utubeedha.
Muldhanni kun waadaa ijoo mootummaan jijjiiramaa keenya filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa darbe irratti ummataaf galerraa kan maddedha. Kana malees, bu’uurri seeraa, Labsii Qaama Raawwachiiftuu 242/2014’fi heera mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, haaromsa gurmaa’insa hojiirra oolchaa jirruuf, deeggarsa seeraa barbaachisaa ta’e kennaniiru.
Maddoonni ka’umsaa kunneen akkuma jiranitti ta’anii, hundaa’ol, haaromsi gurmaa’insa mootummaa gandaafi aanaa dabalatu kun, gama tokkoon bu’aa qabsoo ummata Oromoo yoota’u, gama biraatiin beenyaa aarsaa qaalii bulchiinsa gaarii argachuuf taasiseef kanfalameeti.
Gaaffiin bulchiinsa gaarii—tajaajila qaqqabamaafi si’ataa, mirga ofiin of-bulchuu, hirmaannaa garaagaraafi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu — ummanni keenya sirna darbe keessatti dhiyeessaa turellee, haaromsa gurmaa’insaa kana diriirsuuf humna eeyyeentaa guddaa nuuf ta’eera.
Barbaachisummaa Haaromsa Gurmaa’insa Gandaa
Ummanni keenya, waggoottan 50’n darban, qabsoo eenyummaa isaa deebifachuu, qabeenya ofii irratti abboomuufi abbaa biyyummaa goonfateera.
Mirga goonfatame kana caalmaatti dinagdee, dorgomummaa dhalootaafi sirnaan itichuuf gurmaa’insi caasaa sirrii barbaachisaadha.
Gulantaan qabsoo kun mirga dimokraasii—hirmaannaa imaammata, tarsiimoo, sagantaa, karooraafi hojiirra olmaa karooraa irratti qabu mirkaneessuu waan tureef, Mootummaan Jijjiiramaa naannoo keenyaa, mootummaa gandaa dhiibbaa qabatamaa fiduu danda’u irra deebiin gurmeessuun gaaffii ummataafi dhalootaatiif deebii quubsaa kennuu akka dirqamatti fudhatee tarkaanfii guddaa kanatti galeera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, bara 1984 hundaa’us, qe’ee ummataa gahee itti dhiheenyan tajaajiluuf kurnee sadan darban lafarra foqoqaa turuun har’a asgahee jira.
Mootummaan Gandaa har’a irra deebiin gurmaa’e kun, mootummaa akka kana duraa ummanni fagootti ilaalu, ummata irratti ijaaramee deebisee isa to’atu osoo hintaane, kan isaan, isaaf, qe’ee isaatti ijaarameefi ummatumti galgalaa ganama deebi’ee to’atuudha.
Gurmaa’insi kun tajaajila tokkollee osoo hinhambisin, aanaa irraa gara qe’ee isaatti gadi buusuun, qaqqabummaa kan mirkaneessu yoota’u, kanaanis ummanni gara aanaa kan deemu komiidhaa qofa ta’a jechuudha.
Akkasumas, dhimma tajaajila fooyyessuu, si’oomsuufi sirneessuuf xiyyeeffannoon qixa ta’e kan kennamuuf ta’a.
Ummanni keenya yeroo duraatiif mootummaa kan argate amma kan jennus asirraa ka’uuni.
Haaromsi gurmaa’insa Mootummaa Gandaafi Aanaa dabalatu kun, qabeenyi jiru hundi misooma gandaatiif akka oolu, akkasumas Humnoota Waloo fayyadamuun jabina waloo cimsuu, carraaqqii waloofi itti gaafatamummaa waliinii jabeessuuf kan mijatuudha.
Kunis qabeenyaafi poteenshaala naannoo keenyaa osoo hinbeekin hafne ittidhiheenyan adda baasuuf, akkasumas qixa barbaadameen karoorsinee akka hojiirra oolchinu, walumaagalatti, humna dilbii misoomaa naannoo keenyaa qabatamaan akka misoomsinu haala dandeessisaa kan umuudha.
Tarkaanfii seena-qabeessi kun, aaangoofi gahee aanaaleefi gandoota ifatti kaa’uun, iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaaru yoota’u, gama biraatiin, dhimmoota bulchiinsaa yeroo dheeraaf turan—itti gaafatamummaa walirra bu’aa (overlapping), itti fayyadama qabeenyaa gahumsa hinqabneefi rakkoo kenniinsa tajaajilaa turan furuun gachanchalumma kan hambisuudha; akkasumas, mootummaa caalmaatti al-walteessuufi bulchiinsa ummataaf gurra laatu (decentralized and responsive governance) ta’e umuu kan jajjabeessudha.
Gurmaa’insi qe’ee ummataatti gadi bu’e, ummamumaanuu, hirmaannaa lammiilee kan affeeru waan ta’eef, ijaarsa sirna dimokiraasii, bulchiinsaafi sirnaa kan onnachiisuudha.
Mootummaan keenya ammoo, Mana Maree Gandaa/Araddaafi Mana Maree Yubootaa, caasaa qaama gurmaa’insa haaraa kanaa ta’e Mootummaa Gandaa keessatti dabaluun, ummanni mirga kana qabatamaatti akka shaakalu carraa mijeessee jira.
Manni Maree Gandaa, qaama ummataan filatamu yoota’u, sadarkaa Gandichaatti abbaa aangoo ol’aanaadha. Bu’uuruma kanaan, itti waamamni Mana Maree Bulchiinsa Gandaallee, gama tokkoon qaama kanaaf akka ta’u taasisuun, gahee ummataa daran angessee jira. Manni Maree Yubootaa gama isaatiin, qaama jirraattota gandichaa keessaa ummata gandichaatiin filataman irraa caaseffamee Bulchiinsa Gandichaatiif tajaajila gorsaa kan kennuudha.
Ittiwaamamni mana marichaa ummata Gandichaatiif waan ta’eef, hirmaannaa ummataa kan jajjabeessuudha.
Bu’aan isaas, haala ijaarsa mootummaa cimaa sadarkaa Gandaa/Araddaa mijeessuun, kaayyoo hojiiwwan misoomaa, nageenyaafi bulchiinsa gaarii milkeessuuf qabame kan tattaraarudha.
Galteewwan Milkaa’ina Galmoota Haaromsa Gurmaa’insa Gandaa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, sababoota armaan dura ka’aniifi kanneen biroo irraa kan ka’e, cehumsa Gandaa/Araddaa mirkaneessuun bu’uura damee hundaa ta’uu hubatee hojiitti galeera.
Tajaajila, siyaasa, hawaas-dinagdee, magaalomsuufi kkf, walumaagalatti jiruufi jireenya ummataa irratti cehumsa Ganda/Araddaa giddugaleeffate dhugoomsuun dhimma filannoof dhiyeessu hinta’u.
Haata’u malee, galmi kun bilaashan hinmilkaa’u.
Gama tokkoon hoggansa cehumsaa (transformative leadership) gama biraatiin karoora cehumsaatiin hogganamuu barbaada.
Kanaafis, caasaan mootummaa sadarkaa hunda jiru, hammattoo karooraa galma kana gitu qopheessuuf yeroo fudhachuu hinqabu. Galii, baajata, dandeetti raawwachiistummaafi raawwattummaa – ariitiin dachaa dachaan guddisuudhan humna gandaa gama kamiinuu qixa kanaan gahoomsuun dirqama kan ta’us kanaafi.
Hoggansi sadarkaan jirus dhimma kana qixa barbaadamuun hogganuun, aantummaa ummata keessaa bahee muldhisuutu irra jiraata.
Kun sabboonummaa Oromoo “jechuu” irraa gara “jiraachuu”tti kan ceesisu qofa osoo hintaane, fayidaa hawaasa keenyas qabatamaan kan mirkaneessuudha.
Tarkaanfiin kun siyaasa Ummata Oromootiif jijjiirama hundeerraa kan argamsiinu ta’a.
Kanaanis, kara deemaafi qaamni alagaa siyaasa ummata kanaa qoruufi warcuu barbaadu hiree hinargatu.
Har’a ummanni keenya mootummaa gandaa/araddaa qe’ee isaatti ofiif, ofii isaatiin ijaarate 7,000 ol qaba.
Walumaagalatti, galmi haaromsa gurmaa’insa kanaa mootummaa ummatatti siqe ijaaruu qofa osoo hintaane caasaa dandeettii nagaa waaressuufi misooma saffisiisuu, haqa tiksuu akkasumas olaantummaa seeraa mirkaneessuu danda’u ijaaruudha.
Ijoo Dubbii Shanan: Ganda Giddugaleeffatuu Qaban
Kana mirkaneessuuf, Wantoonni Shan Ganda/Araddaa Giddugaleeffachuu qabu:(1) Karoora Oromiyaa jechuun karoora Gandaati; (2) Raawwiin Oromiyaa sektara hundaa, raawwii Gandaati; (3) Hordoffiifi deeggarsi Oromiyaa kamuu, kan gandaaf taasifamu; hoggansi aanaa, godinaafi naannoo hordoffii, deeggarsaafi daawwannaa taasise kan jennu gandaaf yoota’e qofa; oolmaafi bulmaanni hoggansaa ganda yoota’e qofa; (4) Waahundaan humneessuun ganda — aangoo, humni namaafi leecalloon gandaatti gamtaa’a; (5) Dirreen cehumsi waahundaa —tajaajila, siyaasa, hawaas-dinagdee, indaastirii gadoo, ogummaa, dhaweessummaa (Entrepreneurship) fi kkf itti milkaa’u Ganda.
Walumaagalatti raawwiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa kamuu, Gandaan Gandaaf kan ta’eedha.
Guduunfaa
Haaromsi gurmaa’insa aanaafi gandaa akka naannootti adeemsifne kun, cehumsa gara tooftaa bulchiinsa gandaa/araddaafi ummata giddugaleeffateetti taasifnu kan dhugoomsuudha.
Haaromsi kun, qormaatilee seenaa keessa kuufaman furuufi muuxannoowwan gaggaarii idil-addunyaa irraa barachuun, moodeela bulchiinsaa sona, duudhaafi hawwii ummata Oromoo calaqqisiisu umuuf kan akeekedha.
Kanaanis, galmi keenya dhumaa caasaa bulchiinsaa hirmaannaa ummataatiin egeree nagaa, haqaa, misooma itti fufiinsa qabuufi badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuu dandeessisu ijaarudha.
Bu’uuruma kanaan, qareeyyin (elites) siyaaasaafi hawaasummaa, hayyoonni, beektonni, hojjettoonni mootummaa, hundaa’ol ammoo, hoggansi sadarkaan jirru, tarkaanfilee qixa kanaan jiran fudhachuun, galmoota qabsoo ummata Oromoo — ummata dinagdeen aanga’e, dhaloota barnootaan (saayinsiifi teknoolojiin) dorgomaafi sirna ummatawaa dhugoomsuu — jedhaniif amanamnee, sabboonummaa gochaatiin akka sochoonu cimsee dubbachuun barbaada.”Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa