Fana: At a Speed of Life!

Oppireetara Teelekoom 3ffaaf kurmaana jalqabaa 2016’tti eeyyama kennuuf karoorfamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)- Oppireetara Teelekoom 3ffaa kurmaana jalqabaa 2016’tti eeyyama kennuuf karoorfamuu Abbaan Taayitaa Kominikeeshinii Ityoophiyaa ibse.

Ityoophiyaatti karoora fooyyessa diinagdee biyya keessaan tajaajila teelekoomii fooyyessuun dhiyeessitootaa idil addunyaaf banaa taasisuun tokkoo ta’uun kan beekamuudha.

Kana hordofees dhaabbilee teelekomii haaraa lamaaf eeyyama kennuuf caalbaasiin ba’uun eeyyamni jalqabaa Saafaariikoomiif kennamuu yaadachiiseera.

Caalbaasicharratti kan hirmaate MTN Giruuppi yeroositti maallaqni dhiyeesse kan Saafarikoom dhiyeesseen garaagarummaa bal’aa kan qabu ta’uu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Yeroo ammaas ooppireetara teelekoomii 3ffaaf eeyyama kennuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’achuun qophii barbaachisaan taasisfamuu Daayrektrarrii Daabbaa Ttaayitichaa Injiinar Baalchaa Reebaa ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan sanadni gaaffii ga’umsaa ba’uu dubbatanii, dhaabbileen damicharratti bobba’uuf fedhii qabanis hanga Fulbaana 5, 2016’tti guutuun akka galchan kallattiin kaa’amuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.