Oppireeshinii tibba kanaatin kan rifatee ABUT Mormitoota biyyoota ollaarraa hojii deeggarsa walitti qabachuu eegaluu ibsame
Finfinnee, Sadaasa 29, 2014 (FBC) – Oppireeshinii waraanaa tibbana gaggeeffameen kan rifate gareen shororkeessaa ABUT Mormitoota biyyoota ollaarraa hojii deeggarsa humnaa walitti qabachuu eegaluu ragaan Faanaan maddoota amanamoorraa argate ni muul’isa.
Garichi miseensota baqattoota biyyoota ollaa keessatti kuufate fayyadamuun humnoota Sudaanii fi Sudaan Kibbaa tokko tokko waliin marii taasiisuu yaaluu isaa maddoonni kunneen eeraniiru.
Buufata Baqattootaa Sudaan Keessa kan jiraatu Jeneraalli Fissahaa jedhamu miseensota kanneeniif leenjii laachaa jiraachuu ibsameera.
Leenjichaa fudhachuudhaanis gara Gondaar Lixaa akka seenaan kan qophaa’ee garee shoroorkeesaa, kayyoon isaas lammiilee nagaa ajjeesuu yoo ta’u hanga ammaattis irra deddeebiin yaale daangaa darbee seenuuf yaaluus akka hin milkoofne maddoonni ni eeruu.
Tibba kanaa hogganaan garee ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eelii fi namni dhuunfaa Jeneraal Fissahaa jedhamuu aanga’ootaa Sudaan tokko tokkoo waliin mari’ateera jedha maddi amanaan keenya.
Marii isaaniin haleellaa mootummaan Ityoophiyaa hambisuuf kan dandeessisuu deeggarsa teeknooloojii argachuu kan yaadameedha jedhameera.
Namoonni Sudaanii fi Dabratsiyoon kan gaafatan guutuummaa guutuutti guutuu akka hin dandeenyee fi Gibtsi dabalatee deeggarsa walitti qabuuf akka yaalan waada galaniiruu jedha maddii keenyaa.
Dhimma Sudaan Kibbaarrattis aangaa’oonni biyyatti tokko tokko akka keessaa jiran maddoonni ni ibsu.
Odeeffannoo argannee kanaan kan dubbisnee Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Sudaan Kibbaa Jams Piitaa Mooriigaan ummattoonnii fi mootummaan Sudaan Kibbaa Ityoophiyaa waliin hariiroon gaariin akka jiraatuu ni barbannaa jedhaniiru.
Mootummaan Saalvaakiir maayaardiitiin durfamuu ABUT waliin walittii dufeenya akka hin qabaanne kan kaasan ambaasaadarichi mootummaan isaanis nagaa fi badhaadhina Ityoophiyaa kan fedhu ta’uu himaniiru.
Mootummaan Sudaan Kibbaa dhimma keessoo Ityoophiyaa keessaa seenuuf fedhii hin qabuus jedhaniiru.
Nageenyi ishee eeegame cimtuuf ollaa gaarii akka taatuu ni hawwina kan jedhan ambaasaaddarichi kanaafis mootummaafi uummata Ityoophiyaa waliin ni hojjenna jedhaniiru.
Haaluma wal fakkaatuun dhimma gidduu seentummaa gareewwaan sudaan kibbaa fi walittii dhufeenya isaan ABUT waliin qabani adda baasuufi deebii kan kennan ta’a.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
8 Comments