Oppireeshinii qorannoorratti hundaa’uun yeroo garaagaraatti taasifameen konkolaatoonni hataman 22 fi shakkamtoonni 33 to’annoo jala oolan
Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Poolisiin magaalaa Finfinnee qorannoorratti hundaa’uun Oppireeshinii yeroo garaagaraatti gaggeesseen konkolaatoonni hataman 22 fi shakkamtoonni 33 to’annoo jala oolchuu beeksise.
Yakka hannaa konkolaatootarratti raawwatamu ittisuu fi shakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf oppireeshinii qorannoorratti hundaa’uun gaggeeffameen konkolaattoonni hataman 22 deebi’uu daayrektarri daayreektoreetii qorannoo damee balaa Tiraafikaa fi yakkoota gurmaa’anii Komaandar Alamaayyahu Ayaalqeen ibsaniiru.
Duula gaggeeffameen yeroo garaagaraatti konkolaattota hataman 22 deebisiisuu ibsaniiru.
Konkolaattonni hatamanii gara Magaalaa Hawaasaatti akka geeffaman qorannoodhaan mirkaneessuun akka danda’ame eeranii, konkolaattota hataman keessaas 7 Finfinneetti argamuu ragaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.