Oomishtummaa dabaluuf waliigalteen Doolaaraa miiliyoona 165.2 mallateeffame
Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Sagantaa raawwii dhiqama biyyee hir’isuun oomishtummaa dabaluuf kan ooluu waliigalteen deeggarsaa fi liqii Doolaara miiliyoona 165.2 mallatteeffameera.
Waliigaltechi Mootummaa Ityoophiyaa fi Baankii Addunyaa gidduutti kan mallatteeffame ta’uun ibsameera.
Sagantaa qabiinsa lafaa naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Tigiraay, Kibbaa, Kibba-Lixa Ityoophiyaa, Sidamaa, Beenishaanguul Gumuuz, fi Gaambeellaatti, aanaalee 170 fi sululawwan 217’tti hojiirra kan ooludha jedhameera.
Qabiinsa lafaa waaraa walfakkaataa fi kan walutubu taasisuun muuxannoo fi sirnoota fayyadama qabeenya umamaa babal’isuun lammiilee miiliyoona 4 fayyadamtoota kan taasisuu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.