Fana: At a Speed of Life!

Oomishtootaa fi raabsitoota Siimiintoo waliin rakkoolee gurgurtaa fi raabsarratti muul’atu furuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) – Oomishtootaa fi raabsitoota Siimiintoo waliin rakkoolee gurgurtaa fi raabsarratti muul’atu haala hiikuun danda’amurrati mariin gaggeeffameera.
 
Dandeettiin oomishtummaa Warshaalee Siimiintoo Ityoophiyaa keessatti argamanii Sadaasa 1, 2013 eegalee %85 irra kan ga’u ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiseera.
 
Ministeerichi dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti oomishtootaa fi raabsitoota waliin marii taasiiseera.
 
Warshaaleen hundi Sadaasa 1, 2013 eegalanii dandeettii oomishtummaa yeroo ammaa qaban %63 irraa gara %85tti akka ol guddisaniif waliigalteerra ga’amuu Ministir deettaan Damee Babal’inaa Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Isheetee Asfaaw himaniiru.
 
Mootummaan damichaaf xiyyeeffannoo addaa laachuun deeggarsa barbaachisu taasiisuu Ministir deettaan Sibiiloota,Keemikaalaa fi Konistiraakshinii obbo Yohaannis Dinqaayyoohu eeraniiru.
 
Rakkoolee muul’atan furuu fi daandeettii oomishtummaa guddisuun guddina diinagdee biyyaaf qooda isaa akka ba’uuf kan hojjetamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Daldala fi Indaastirii irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.