Fana: At a Speed of Life!

Oomishtoonni Simmintoo Raabsitoota barbaadaniif oomisha isaanii akka dhiyeessan kallattiin kaa’ame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2017 (FBC) – Oomishtoonni Simmintoo Raabsitoota barbaadaniif oomisha isaanii akka dhiyeessan kallattiin kaa’amuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Oomishtoota Simmintoo waliin haala dhiyeessii fi fedhii jiru walsimsiisuun danda’amurratti mariin gaggeeffameera.

Dameen Indaastirii Ijaarsaa guddachaa dhufuu hordofee fedhiin Simmintoo haalaan dabalaa jiraachuu Ministirri Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

Dhiyeessiin Simmintoo yeroo ammaa Toonii miiliyoona 7 ta’uu eeruun, fedhii jiru guutuuf Toonii miiliyoona 20 ol oomishuun kan barbaachisu ta’uu Dooktar Kaasahuun himaniiru.

Dandeettii oomishtummaa % 80tti ol guddisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Walitti hidhamiinsi gabaa Oomisha Simmintoo kana dura gama Ministeerichaan gaggeeffamaa ture hafuu hordofee Oomishtoonni Simmintoo Oomisha isaanii Raabsitoota barbaadaniif dhiyeessuu akka danda’an Dooktar Kaasahuun himaniiru.

Mootummaan Gabaa oomisha Simmintoo to’achuu fi hordoffuu oomishtoota seera hin kabajnerratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu ibsuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.