Fana: At a Speed of Life!

Oomishni Ga’e Rooban Akka Hin Mancaaneef Duulaan Haa Sassaabnu-BKO

Finfinnee, Sadaasa 14, 2016 (FBC)- Oomishni ga’e rooba yeroo maleetiin akka hin mancaaneef duulaan haa sassaabnu jechuun Biiroon Komiikeeshinii Oromiyaa hubachiise.

Biirichii ibsa baaseen hojiin sassaabbii Oomishaa midhaanii ga’ee qonnaan bultoota qofaaf kan dhiifamu otoo hintaanee hojii qaamni hundi birmannaa taasisuu qaba jedheera.

Guutiin ibsichaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Misoomni Qonnaa lafee dugdaa jireenya uummata Itoophiyaati.

Qonnaan bulaan ammoo qotee facaasee, aramee kunuunsee, sassaabee calleessee qulleessuun gabaaf dhiyeessa. Qaamoleen hawaasaa biroos oomisha gabaaf dhiyaate kana bitachuun jiruu isaanii gaggeeffatu.

Kanaafuu, hojiin jireenya keenya ittiin gaggeeffannu, guyyaa hojjennee galagala gara mana keenyaatti kan gallu yoo ta’eyyuu oomishni qonnaan bulaan oomishu utubaa jireenya hunda keenyaati.

Misooma Qonna Gannaa bara 2015/2016 lafti hektaarri miliyoonni 9.4 ol misoomee kunuunsa ga’aa ta’e argachuun yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti sassaabbiif ga’eera.

Misooma kana irraas callaa kuntaalli miliyoona 265 ol ni abdatama. Inisheetiivii misooma qamadiin lafa hektaara miliyoona 2.4 misoomee callaan kuntaalli miliyoonni 81 ol akkasumas Ruuzii lafa hektaara miliyoona tokko qotuun oomisha kuntaala miliyoona 44.2 ol argachuuf karoorfamee yeroo ammaa kana haala gaarii irratti argama.

Yeroo oomishtummaan qonnaan bulaa fooyya’u jiruuf jireenyi uummata magaalaa damee dinagdee qonnaan alaa irratti bobba’anis ni fooyya’a.

Gama biraan yeroo oomishni qonnaan bulaa hir’atu gatiin oomishaa olka’uun uummata baadiyyaafi jiraattota magaalaatti jireenya ulfeessa.

Kanaafi, misoomni Qonnaa utubaa dinagdeefi jireenya biyya keenyaati kan jennuuf.

Oomishni qonnaa jireenya hunda keenyaaf murteessaa ta’e kun rooba yeroo isaa hin eegganneen akka hin mancaaneef sassaabbii irratti hojjechuun murteessaadha.

Hojiin sassaabbii kun ammoo qonnaan bulaa qofaaf kan dhiifamu otoo hin taanee hojii qaamni hundi birmannaa taasisuu qabudha.

Kanaaf, oomisha ga’e qisaasama jalaa baraaruuf qaamonni hawaasaa hundi keenya duulaan akka sassaabamu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessa.

Jiraattonni magaalaa akkuma kanaan dura taasisaa turtan qonnaan bulaa baadiyyaatiif birmannaa taasisuun oomisha ga’e sassaabuu irratti qooda akka qooda akka fudhattan waamicha taasifna.

Barattoonniifi barsiisonni naannoo keenyaas yeroo keessan irraa qooddanii oomishni ga’e rooba yeroo maleetiin akka hin mancaaneef duula kana irratti qooda fudhachuun lammii keessan deeggaruu qabdu.

Hojjettoonni mootummaas tajaajilli nuti uummata keenyaaf kenninu kan waajira keessatti daanga’e qofaa osoo hin taane gama hundaan yeroo, beekumsaafi humna keessan kennitanii miira tajaajiltummaa keessan uummata keessaniif mirkaneessuuf qoodni keessan duula kana irratti dachaan ta’uu qaba.

Qonnaan bultoonni keenyas kutaalee hawaasaa garaagaraa duula midhaan sassaabbiif gara keessan wayita dhufan simannaa ho’aa taasisuun oomishni ga’e sassaabamee mancaatii irraa akka baraaramuuf gumaacha keessan akka taasiftan Mootummaan Naannoo Oromiyaa irra deebiin waamicha dhiyeessa.

Tajaajilli lammummaa keenya rakkoowwan akkasii irraa wal baraarree hundi keenya utubaa biyyaa akka taanuuf kan nu gargaarudha.

Kanaafuu, kutaalee Oromiyaa garaa garaa bakka oomishni sassaabbiif ga’ee jiru hundatti sassaabbiif birmannee Oromiyaa haa utubnu.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Sadaasa, 2016

Finfinnee

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.