Fana: At a Speed of Life!

Oomishinni waqtii gannaa %90 ol walitti qabamera- Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Oomishinni waqtii gannaa bara 2013/14 %90 ol walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Oomishinni lafa heektaara miiliyoona 12 fi kuma dhibba 9 irratti faca’e keessaa heektaara miiliyoona 11 irraa oomishni walitti qabamuu Ministeera Qonnaatti Daayrektarri Jeneeraalaa Eekisteenshinii Qonnaa Garmaamee Gaarummaa ibsaniiru.

Oomishaalee midhaan dheedhii duubatti harkifatanii facaafamaniin ala oomishni hedduun walitti qabamuu fi oomishni hafe dhuma  baatii kanaa kan sassaabamu ta’uu eeraniiru.

Bara kana oomisha walitti qabuuf maashiniiwwan hedduun hojiirra ooluu fi koombaayinaroonni kuma 1 fi 400 ol hojii oomisha sassaabuurratti bobbaafamuu ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni qisaasama midhaanii wayita sassaabbii fi  tuullaa mudatu hambisuuf xiyyeeffannoo taasisuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.