Fana: At a Speed of Life!

Oomishaaleen nyaataa fi meeshaaleen dheedhiin ulaagaa hin guunne tooniin 227 ol gara biyyaa akka hin seenne itti faman

Finfinnee, Hagayyaa 13, 2012 (FBC) – Oomishaaleen nyaataa fi meeshaaleen dheedhiin ulaagaa barreeffama ibsa dirqii hin guunne gara biyyaa akka hin gallee dhorkamuu himame.
 
Abbaan Taayitaa Too’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ityoophiyaa baatii Adoolessaa keessa qofa keewwaan naannoowwa Finfinneetti argaman 5 irratti too’annoo fi hordoffii taasiseen oomishaalee nyaataa fi meeshaalee ulaagaa dirqii hin guunne ittiseera.
 
Meeshaaleenii fi nyaataaleen yeroo imalaa summaa’aan, yeroon tajaajila isaanii darbe,barreefama dirqii hin guunne tooniin 227.64 gara biyya keessaa akka hin galle dhorkamaniiru.
 
Abbaan Taayitichaa qooda fudhattoota waliin ta’uun keellawwan eerraman irratti too’annoo fi hordoffii cimaa taasiseen meeshaalee kanneen ittisuu beeksiseera.
 
Meeshaaleen kunneen kanneen hawaasni jireenya guyyaa guyyaa isaanii keessatti bal’inaan itti tajaajilaman ta’uu ibsameera.
 
Keessattuun kanneen akka zayta nyaataa, Aannan, Timaatimaa summa’aanii fi meeshaaleen ulaagaa barreeffama dirqiin hin guunne bal’aniin itti famuu ragaan Abbaa Taayitaa Too’annoo Nyaataa fi Qoricha Ityoophiyaa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.