Fana: At a Speed of Life!

Oomishaaleen Karameellaa Hanii Siwiitii, Laavilii fi Googil jedhaman gabaarra akka hin oolle dhorkaman

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC) – Oomishaaleen Karameellaa Hanii Siwiitii, Laavilii fi Googil jedhaman gabaarra akka hin oolle dhorkamuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee Itiyoophiyaa beeksise.

Hawaasni oomishaalee kanneen akka hin fayyadamne Abbaan Taayitichaa hubachiiseera.

Oomishaalee kunneen eenyun akka oomishaman, biyya kamitti akka oomishamanii fi teessoon isaanii goonkuma kan hin beekamne ta’uu ibsameera.

Oomishaaleen biroo fayyaaf farra ta’an waayita argaman hawaasni karaa bilbila bilisaa 8482 eeruu akka kennan Abbaan Taayitichaa waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.