Oomishaaleen akaakuu 38 yeroof biyya keessa akka hinseenne dhorkaman
Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Oomishaaleen akaakuu 38 sanadni wabii baankii (LC) banameefii biyya keessa akka hinseenne yeroof dhorkaman.
Oomishaaleen kunneen kallattii Koreen Diinagdee Gooroo kaa’een qorannoo Koomishiniin Gumurukaa gaggeesseen kanneen addaa bahanidha jedhameera.
Uggurri kaa’ame kunis oomishaalee dursi kennamuuf waan hintaaneef, omishaalee dursi kennamuuf sharafa alaa gahaa argachuuf, akkasumas daddabarsa maallaqa seeraan alaaf sababa ta’uu Baankiin Biyyaaleessaa ibseera.
Ugurri kunis yeroo hinbeekamneef kan kaa’ame ta’uu Ittaanaan Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Fiqaaduu Daggifee ibsaniiru.
Oomishaaleen kunneenis dhugaatiiwwan alkoolii (wuskii yookaan biiraa fi kanneen biroo), Maastiikaa, Chokolaataa, Bishaan, Tamboo, Faayalee fi meeshaalee dibataa namtolchee ta’uun eerameera.
Akkasumaas, sanadni wabii baankii banameefii namoota dhuunfaan konkolaattotaa galan ni dabalataa jedhameera.
Baankonni Sanadaa wabii haaraa akka hinbannee xalayaan raabsamaa jiraachuu fi Wiixatarraa eegalee akka hojiirraa oolchan qajeelfamni darbeera jedhan.
Afawarqi Iyyaayyuu fi Xibabasillaasee Jambaruutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.