Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee nyaataa alaa galan ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mariin taasiifame

Finfinnee, Hagayya 15, 2016 (FBC) – Dhiyeessa oomishaalee nyaataa alaa galan ilaalchisee hoggantoota Baankii Biyyaalessaa fi Komishinii Gumurukaa waliin mariin taasiifamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen himaniiru.

Oomishaalee nyaataa mootummaa fi namoota dhuunfaan karaa ‘LC fi Franco Valuta’ hangamii gara biyyaa galaa akka jiran, akkasumas dhiyeessiin gara fuula duraa maal fakkaachuu akka danda’u mari’achuu ibsaniiru.

Bu’uura kanaan oomishaaleen nyaataa karaa maallaqa firaankootiin galfamaa jiran kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame dachaan ol guddatera jedha.

Kanaaf gabaan oomisha gahaa argachaa akka jiruu fi kana cimsuuf wal-hubannoo fi hojiirra oolmaan waloo dhaabbilee jiddutti jiraachuu akka qabu walii galuu eeraniiru.

Akkasumas dhiyeessichi haala tasgabbaa’een akka itti fufu tumsaan hojjechuuf waliigalamuu Dooktar Kaasahuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.