Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee Indaastirii Alaa galan kan biyya keessan bakka buusuuf hojjechuun murteessaadha – Ministeera Hojii fi Ogummaa

Finfinnee, Caamsaa 1, 2015 (FBC) – Oomishaalee Indaastirii Shafara olaanaan Alaa galan kan biyya keessan bakka buusuuf hojjechuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil ibsaniiru.

Qaama sosochii Ityoophiyaan haa oomishtuu kan ta’e agarsiifni bu’aalee kalaqaa Indaastiriiwwanii oomishaa xixiqqaa jajjabeessuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuurratti xiyyeeffate har’a magaalaa Hawaasaatti eegalameera.

Ityoophiyaan ce’umsa Qonnaarraa gara Indaastiriitti taasiiftuuf Indaastiriiwwan oomishaa xixiqqaarratti xiyyeeffachuun caalmaatti imalicha kan si’oomsu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Dassitaa Leeddamoon ibsaniiru.

Agarsiisa kanarratti Interpiraayizoonni naannicha keessaa walitti babba’an 120 kan hirmaatan ta’uu eerameera.

Nagawoo Bizunaahitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.