Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee galii toonii miiliyoona 2.66 oomisha biyya keessaan bakka buufamuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 24, 2016 (FBC)- Bara 2016 damee indastirii maanufaakchariingiin oomishaalee galii toonii miiliyoona 1.27 oomisha biyya keessan bakka buusuuf karoorfamee toonii miiliyoona 2.66 bakka buusuun akka danda’ame Ministeerri Indaastirii ibse.

Haaluma kanaan Karooricha %100 ol milkaa’uu fi raawwiin isaas bara baajataa darbeen yoo walbira qabamu toonii miiliyoonaa 100 dabaluun eerameera.

Bara baajatichaatti indaastirii maanufaakchariingiin, omisha bakka bu’aan gama dabaluun uffannaalee fi huccuuwwan, injiinariingii fi teeknooloojii maanufaakchariingii, galteewwan keemikaalaa fi konistiraakshinii karooraa ol raawwachuun ibsameera.

Oomisha nyaataa fi dhugaatiiwwanii %90 ol milkeessuun akka danda’ame ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.