Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee biyya keessaa akka hingalle dhorkaman oomishuuf intaarpiraayizoota hundeessuuf hojjetama jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2015(FBC)-Oomishaalee biyyaa keessa akka hin galle taasifaman 38 oomishuuf oomishtoota Intarpiraayiziin hundeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun Misoomni Intarpiraayizii Ityoophiyaa beeksise.

Itti aanaaan Daayrekteeraa Intarpiraayizichaa Obbo Abdulfaattaa Yuusuuf, oomisha biyya keessaa dabaluuf sharafa alaa hir’isuuf intarpirayizoota dameelee adda adda irratti boba’an hundessuuf hojjecha jiraachuu beeksisan.

Sosochii ‘Ityoophiyaan haa oomishtu’ jedhuun Intarpiraayizoonni bu’aa argamsisuu eeraniiru.

Kurmaana jalqabaa bara bajaatichaatti intarpiraayizoota haaraa 419, hundeessuu fi intarpiraayizoota kuma 1 fi 626, cimsu dubbataniiru.

Lammiilee kuma 9 fi 100 oliif carraan hojii umamuu eeraniru.

Murtee oomishalee 38 biyya keessa akka hingalfamnee dhorkame akka carraa gaariitti fayyadamuun intarpiraayizootaa haaraa hundeessuuf xiyyeeffannaan hojjetama akka jiruu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.