Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee biyya alaatti ergaman irraa galiin Doolaara biiliyoona 3.64 argameera

Finfinnee, Hagayya 15 ,2015 (FBC)- Bara baajataa 2015’tti oomishaalee biyya alaatti ergaman irraa galiin Doolaara biiliyoona 3.64 argamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawwa beeksise.

Ministeerichi waltajjii gamaaggamaa raawwii karoora bara baajataa 2015 ilaalchisee al-ergitootaa fi qooda fudhattoota waliin gaggeessaa jira.

Waltajjicharratti Gorsaan Diinagdee Gooroo Muummee Ministira Ambaasaaddar Girmaa Birruu, Ministir Deetaa Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasaahuun Goofee, Itti Gaafatamaan Kutaa Ittisa Yakka Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa Itti Aanaan Komishinara Jeneraalaa Malaakuu Faantaa, al-ergitoota, invastarootaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Obbo Kaasahun Gofeen, bara baajataa 2015tti oomishaalee biyya alaatti ergaman irraa galii Doolaara biiliyoona 5.21 atgachuuf karoorfamee Doolaarri biiliyoona 3.64 argamuu ibsaniiru.

Rakkooleen alaa fi keessoo dhaabbatummaa karoora karoorfame galmaan gahuuf akka hindandeessisne himuu TOI gabaaseera.

Waltajjichis rakkoolee adeemsa hojii keessatti mudatan furuun sharafa alaa daldala alaarraa argamu guddisuuf keessatti faayida olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.