Fana: At a Speed of Life!

Oomisha sibiilotaa biyya keessatti baayinaan oomishuuf meeshaaleen dheedhiin kan biyya keessan bakka bu’uu qabu jedhame

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC) – Oomisha sibiilotaa biyya keessatti baayinaan oomishuuf meeshaaleen dheedhiin alaa galan kan biyya keessan bakka bu’uu akka qabu ibsame.

Ministeerri Albuudaa abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee oomisha Sibiilotaa  waliin mari’ateera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaa, Komishinarri Komishinii Invastimantii aadde Lalisee Namee, Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannolee obbo Gabramasqal Caalaa fi hoggantoonni biroon argamaniiru.

Marichaan galtee fi meeshaaleen dheedhiin alaa waan galaniif rakkoo sharafa alaa fi dhiyeessii maallaqaarraan kan ka’e oomishtoonni dandeettii isaanii guutuun akka hin oomishne taasisuu ibsameera.

meshaalee dheedhii alaa galan kan  biyya keessaan bakka buusuun baayyinaa fi qulqullinaan oomishuuf hojjetamuu akka qabu hirmaattonni marichaa kaasaniiru.

Damichaan humna namaa gahaa fi ga’umsa qabu horachuun barbaachisaa ta’uu eerameera.

Lammiileen alaa damechaarratti muuxannoo yeroo dheeraa qaban tajaajila ogummaa barbaachisaa ta’e akka laatanii fi muuxannoo isaanii akka qoodan hirmaattonni gaafataniiru.

Rakkoolee gama dhiyeessii loojistikii, to’annoo qulqullina oomishaa fi walitti hidhamiinsa gabaan jirurratti  waliin  hojjechuun yeroo gabaabaa keessatti oomisha sibiilaa baayyinaa fi qulqullinaan oomishuuf hojimaata dandeessisu hojiirra oolchuuf kan hojjetamu ta’uu Injinar Taakkalaan ibsaniiru.

Firehiwoot Saffiwutu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.