Oomisha Sibiilaa alaa galu kan biyya keessan bakka buusuuf Proojektiin waggaa kaa’ame
Finfinnee, Amajjii 3, (FBC) – Oomisha Sibiilaa alaa galu kan biyya keessan guutumaa guutuutti bakka buusuuf Proojektiin waggaa sadii kaa’amuu Ministeerri Albuudaa beeksiise.
Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaan Oomishtoota Sibiilaa, Ogeeyyii, qooda fudhattootaa fi ogeeyyii diinagdee fi Koree Istiriingii oomisha sibiilaa biyyaaleessaa waliin adeemsa hojiirratti mari’ataniiru.
Galteewwan Sibiilaa alaa galan kan biyya keessan bakka buusuuf hojiin hojjetamaa jiru saffisaan hojiirra oolaa jiraachuu Injinar Taakkalaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Qorannoo bu’aa qabeessummaa fi filannoo iddoo ijaarsa warshaa baatii sadi keessatti xumuruuf waliigalamuu himaniiru.
Oomishaalee Sibiilaa alaa galu guutumaa guutuutti kan biyya keessaan bakka buusuuf Proojektiin yeroo waggaa 3 kaa’amuu eeraniiru.
Waajjirri Proojekticha qindeessu hundaa’uu dubbataniiru.
Hojichi mootummaa, abbootii qabeenya biyya keessaa fi alaan waloon kan raawwatamu ta’uu Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.