Fana: At a Speed of Life!

Oomisha Qonnaa alaa galu hambisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) –Oomishaalee Qonnaa alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojiin sanyii filatamaatti sona dabaluu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsamaniiru.
Baay’isa, dhiyeessii fi raabsa sanyii filatamaa Ityoophiyaatti hojii hojjetamaa jiru gamaaggamuun damicha ammayyeessuuf mariin qooda fudhattoota Federaalaa fi Naannolee waliin gaggeeffameera.
Damicha ammayyeessuuf teeknooloojiin deeggaramuu fi dhiyeessirratti hojii olaanaan hojjetamuu akka qabu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa aadde Ayinaalem Niguseen ibsaniiru.
Dhiyeessii sanyii filatamaa dabaluun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun sirna nyaataa fi wabii nyaataa mirkaneessuun ni danda’ama jedhan.
Ityoophaatti quucarummaa daa’immaaniif % 38 sababa kan ta’e hanqina midhaan nyaataa himbisuu fi meeshaalee dheedhii fi oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun guddina hunda galeessa biyyattii fiduun akka danda’amu aadde Ayinaalem himaniiru.
Rakkoolee waliigalaa baay’isa dhiyeessii fi raabsa sanyii filatamaa Ityoophiyaatti muul’atu furuuf dhaabbilee qorannoo fi qoo’annoo Qonnaa jajjabeessuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.