Fana: At a Speed of Life!

Oomisha qamadii Waqtii Gannaa fi Bonaarraa callaan kuntaalli miiliyoonni 100 ol ni eegama – Biiroo Qonnaa Oromiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) – Jilli Pireezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu godina shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Komboolchaa ganda Gaalloo Hirapheetti Qamadii misoomaa jiru daawwateera.

Aanaa kanatti qamadiin lafa hektaara kuma 2 ol irraa misoomaa jiraachuu ibsameera.

Akka naannoo Oromiyaatti ammoo Lafa hektaara miiliyoona 1.7 ol irratti qamadiin misoomuu ibsameera.

Oomisha qamadii waqtii Gannaa fi Bonaarraa callaa kuntaala miiliyoona 100 ol kan eegamu ta’uu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.

Waqtilee lamaan kanatti lafa hektaara miliiyoona 2 .7 ol irratti qamadii misoomsuun callaa kuntaala miiliyoonni 100 ol ni argama jedhan.

Hojiileen misoomaa kun wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbe oomisha Qamadii alaatii erguuf karoora qabame milkeessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Obbo Shimallis Abdisaan ibsaniiru.

Daagimaawii Deeksisaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.