Oomisha qamadii makaruun eegalame
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)- Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaafi Booraatti hojiin oomisha qamadii walitti qabuun eegalamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.
Biirichi akka beeksisetti oomishii qamadii walitti qabamaa jiru kun godinichaatti lafa hektaara kuma 31 irratti kilaasteraan misoomeedha.
Haaluma kanaan Kombaayinara gargaaramuun hojiin oomishicha walitti qabuu eegalamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
Bara kana Godina Shawaa Bahaatti qonnaa Gannaatiin oomishaa qamadii lafa heektaara 200 ol misoome irraa callaan kuntaala miiliyoona 9 ol akka argamu Wajjiirri Qonnaa Godinichaa ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.