Fana: At a Speed of Life!

Oomisha Muuzii gabaa Baha Giddugaleessaaf dhiyeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Mudde 21, 2017 (FMC) – Oomisha Muuzii gabaa Baha Giddugaleessaaf dhiyeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Naannoon Kibba Itiyoophiyaa beeksise.

Naannichatti yeroo ammaa Muuziin Lafa Hektaara kuma 100 fi kuma 13 olirratti misoomaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Hayilamaariyaam Tasfaayeen himaniiru.

Baatiwwan shanan darban Muuziin kuntaalli miiliyoonni 15.8 walitti qabamuu eeruun, bara baajataa kana kuntaalli miiliyoonni 35 kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Oomishni Muuzii naannichaa Sudaan, Somaaliyaa fi Jibuutiitti ergamaa jiraachuu eerameera.

Yeroo ammaa gara Baha Giddugaleessatti erguuf qophiin taasiifamaa jiraachuu himaniiru.

Feevan Bishawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.