Fana: At a Speed of Life!

Oomisha, bitaa fi gurgurtaa seeraan alaa Warqeerratti kan bobba’an lammiileen alaa 29 to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti oomisha, bittaa fi gurgurtaa seeraan alaa albuuda Warqee irratti kanneen bobba’uun argaman shakkamtoonni lammiin biyyaa alaa 29 fi lammiileen Ityoophiyaa lama to’annoo jala oolfamuun ibsame.

Tajaajilli Nageenyaa Odeeffannoo Biyyaalessaa akka ibsetti, qorannoo gaggeesseen Albuudnii Warqee qabeenyaa albuudaa dinagdee biyyaa utubuu danda’uu ta’us, sirni gabaa oomishichaa adeemsa bittaa fi gurgurtaa eeggatee gaggeeffamaa akka hinturree mirkaneesseera.

Haaluma kanaan tajaajilichi hordoffii fi oopireeshinii qindaa’aa gaggeesseen lammiilee Chaayinaa 28 fi lammii Sudaan tokko akkasumas lammiilee Ityoophiyaa gochicha tumsaa turan lama to’annoo jala ooluu beeksiseera.

Shakkamtoonni kunneenis seeraa qabeessummaa da’eeffachuun biyya keessa seenanillee seeraan alaa socho’a akka turan, damee hojii hineeyyamamneef irratti bobba’uu akkasumas oomisha, bittaa fi gurgurtaa seeraan alaa albuudaa Warqeerratti bobba’uun gara biyya alaatti dabarsaa akka turan mirkaneessuu eereera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.