Fana: At a Speed of Life!

Oomisha bara 2014/15f Xaa’oon biyyoo meetirik Tooniin kumni 755 gara biyya keessaa galuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 15, 2014 (FBC) – Oomisha bara 2014/15f Xaa’oon biyyoo meetirik Tooniin kumni dhibba 7 fi kumni 55 gara biyya keessaa galuu Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanaa fi Loojastiksii beeksiiseera.
Bara oomishaa kanaaf Xaa’oo biyyoo Meetirik Toonii miiliyoona 1.28 gara biyyaa keessaa galchuuf
imalchiifamaa jiru keessaa Meetirik Tooniin kumni dhibbi 8 fi kumni 80 ol buufata ga’uu dhaabbatichi eereera.
Xaa’oo biyyoo oomisha bara kanaaf tajaajilu imalchiisuuf Dooniwwan gurguddoon 23 ramadamuu itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa fi ofiisarri olaanaan damee Tajaajila Dooniwwanii Wandawasan Kaasaan ibsaniiru.
Xaa’oo gara biyyaa galu waliigalaa keessaa Meetirik Tooniin kumni dhibbi 7 fi kumni 87 NPS kan jedhamu yoo ta’u, kumni dhibbi 5 ammoo Yuuriyaa kan jedhamu ta’uu eeraniiru.
Caamsaa 18 – 21, 2014 xaa’oon biyyoo meetirik tooniin kumni dhibbi 1 fi kumni 40 buufata kan ga’u ta’uu obbo Wandawasan ibsuu ragaan fuula dhaabbatichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.