Fana: At a Speed of Life!

Omishaalee sadarkaa gadii ta’an meetirik toonii 630 ol akka hingalfamne dhorkaman

Finfinnee, Amajjii 15, 2016 (FBC)- Omishaalee galii sadarkaa gadi ta’an meetirik tooniin 630 ol biyya keessa akka hingalfamne dhorkamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi baatiiwwan ja’an darbanitti meeshalee galii meetirik toonii miiliyoona 1 fi kuma 868 ol irratti to’annoo qulqullinaa taasisuu beeksiseera.

Kanneen keessaas oomishalee sadarkaa gadi ta’an meetirik toonii 630.21 biyya keessa akka hingalfamne taasisuu ibseera.

Omishaaleen ugguraman kunneenis bu’aa nyaataa, meeshalee koninistiraakshinii, meeshaalee elektiririkii, bu’aalee keemikaalaa fa’aa ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.