Fana: At a Speed of Life!

Olompikiin Tookiyoo boru ni eegale

Finfinnee, Adooleessa 15, 2013 (FBC) – Olompikiin Tookiyoo bara 2020 guyyaa boruu ni eegalama.

Olompikii bara kana gaggeeffamurratti Atleetoonni biyyoota 205 keessaa waliitti babba’an kumni 11 ol ni hirmaatu jedhame.

Gosoota Ispoortii 33 dorgommiin ni gaggeeffama jedhameera.

Meedaaliyaawwan garaagaraa kumni 5 badhaasaaf qophaa’uus ibsameera.

Ityoophiyaan gosoota Ispoortii Atleetiksii, Bishaan Daakaa, Biskileettii fi Teekuwaandoon ni hirmaatti jedhameera.

Dorgomichi sababa sodaa weerara vaayrasii koroonaaf jecha daawwattoota dirree malee kan gaggeeffamu ta’uu himameera.

Atleetoonni dorgommii kanarratti hirmaatan guyyaa guyyaan qorannoon Covid – 19 kan taasiifamuuf ta’a jedhame.

Tapha baniinsaa kubba miilaa dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Jarman Biraaziiliin, Arjentiinaan Awustiraaliyaan,Faransaay ammoo Meeksiikoon moo’atamaniiru.

Gibtsi Ispeen waliin goolii malee qixa baateerti.

Taphoonni Olompikii biroo hanga bara Faranjootaa Hagayya 8, 2021tti itti fufa jedhameera.

Jaappaan qophii Olompikii bara 2020f Doolaara biiliyoona 14.8 baasii gochuu ishee ragaaleen ni muul’isu.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.