Fana: At a Speed of Life!

Olompikiiin dargaggoota biyyaalessaa jalqabaa Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Caamsaa 21, 2014 (FBC) – Olompikiiin dargaggoota biyyaalessaa jalqabaa Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti eegalameera.

Dorgommicharratti naannoo Amaaraan ala naannoleen hundii fi bulchiinsi magaalotaa hirmaachaa jiru jedhame.

Sirna baniinsaa Olompikichaarratti Af Yaa’ii Mana Maree Federreshinii Obbo Aganyahu Tashaagar, Preezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddaamoo, bakka buutoonni Koree Olompikii Afrikaa fi Atleetii beekamaan Keeniyaa Pool Teergaat argamaniiru.

Dorgommichi har’aa eegalee hanga Waxabajjii 4, 2014tti kan turu ta’uu eerameera.

Getaachaw Muul’ataatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.