Olompikii Tookiyoo 2020f weerara vaayrasii koroonaa yaada keessa galchuun qophiin taasifamaa jiraachuu himame
Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Olompikii Tookiyoo 2020f weerara vaayrasii koroonaa yaada keessa galchuun qophiin taasifamaa jiraachuu himame.
Ityoophiyaan Olompikii Tookiyoo 2020f weeraraa vaayrasii koronaa yaada keessa galchuun qophii taasisaa jiraachuushee Komiishiniin Ispoortii beekise.
Sababa weerara vaayrasii koronaatiin rakkoo jiru keessaa akka bahamuu fi sosochiin qaamaa akka taasifamuuf ispoortiin gumaacha olaanaa akka qabu itti amanamee kan hojjetamu ta’uu, Itiyoophiyaatti Koreen Olompikii 2020 kan dargaggoota Afrikaa fi ibsa qophii Tookiyoo 2020 ilaalchisee bahe irratti Komishiniin komishinara Ispoortii FDRI Eliyaas Shekur dubbataniiru.
Akka gabaasa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti qophichi akka milkaa’uuf of eeggannoo olaanaan qophicha kan hogganan koreen hundaa’eeeras jedhaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa