Ololli Sobaa garee Shororkeessaa imala Raayyaa Ittisaa hin gufachiisu – Ministeera Raayyaa Ittisaa
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC) – Ololli Sobaa garee Shororkeessaa imala Raayyaa Ittisaa kan hin gufachiifne ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiise.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa ibsa baaseen Gareen Shororkeessaa amaloota ittiin beekkamu keessaa ololli sobaa isa tokko ta’uu ibseera.
Garichi humna dhabus arrabaa dheeraa, kan hin taane ta’e, kan hin hojjenne hojjedhe, kan hin dhalanneen dhalate jechuun olola sobaa ittiin beekkamu ta’uu himeera.
Moo’atamuu isaa maqaa raayyaa ittisaa balleessuun uwwisuun, kisaaraa irra ga’u deeggartoonni isaa akka hin beekne hawaasni idil addunyaa badii isaa akka hin hubanne ololli sobaa malootti itti fayyadamu keessaa isa tokko ta’uu ibsa baaseen himeera.
Yakka sukkaneessaa iddoo garaagaraatti ofii isaaf raawwate Raayyaa ittisatti maxxansuun olola qindeessuun hawaasa idil addunyaa burjaajessaa jiraachuu isaa ibseera.
Olola sobaan yeroof deeggartoota isaa dhiichisiisus oolee bulee ummannii fi hawaasni idil addunyaa dhugaa jiru hubachuun kan hin oolle ta’uu ministeetichi ibsa baaseen eereera.
Raayyaan Ittisaa raayyaa amala ummattummaa fi namuusa gaarii qabu ta’uu addunyaan kan beeku akka ta’e ibseera.
Raayyaan Ittisaa wayita ummanni rakkate waliin rakkatu, waliin dhiphatu, ummata waliin beela’uu fi dheebotu, kan qabu ummataaf qooduun miira ummattummaan beekkamu ta’uu himeera.
Yaa ta’uutii yakki suukaneessaan tibbana hidhattoonni garee shororkeessaa ABUT raawwachuun miidiyaa hawaasummaan yakka ofiif raawwate raayyaa ittisaatti maxxansuuf maqaa balleessiin gaggeessaa jiran diraamaa ta’uu hubachiiseera.
Raayyaan Ittisaa duula garee shororkeessaa qulqulleessuu eegale galmaan kan ga’u ta’uu ibseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.