Ololli gareen ABUT naannoo Tigraay iddoolee tokko tokko injifadheera jechuun tamsaasu odeeffannoo sobaati – Raayyaa Ittisaa
Finfinnee, Waxabajjii 17, 2013 (FBC) – Ololli gareen Shororkeessaa ABUT naannoo Tigraay iddoolee tokko tokko injifadheera jechuun tamsaasu odeeffannoo sobaa ta’uu Raayyaan Ittisaa Biyyaa beeksiise.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa hordofee mootummaan Raayyaa Ittisaa Naannoo Tigraay keessa ture gara giddugala, Baha, Lixaa fi Kibba biyyattiitti akka bobba’u taasiisu Daayreektarri Daayreektoreetii hariiroo Ummataa Koloneel Geetinnati Adaaneen ibsa miidiyaaleef laataniin himaniiru.
Dabalataan lolli gaggeeffamu hojii Qonnaan bultootaa akka hin jeeqnee fi qonni gannaa haalan akka gaggeeffamuuf Raayyaan Ittisaa iddichaa akka socho’u taasiifamuu ibsaniiru.
Raayyaan Ittisaa iddoolee Oppireeshiniif tolu, bakkeewwan ummanni itti heddummatu, iddoolee bu’uuraaleen misoomaa murteessaa ta’an jiranii qubatee jiraachuu ibsaniiru.
Gareen harcatoota ABUT kun carraa kana fayyadamuun xiyyeeffannoo idil addunyaa hawwachuu fi Ajandaa jijjiiruuf odeeffannoo sobaa tamsaasaa jiraachuu eeraniiru.
Haleellaa Qilleensaa tibbana naannichatti raawwatame jedhame ilaalchisee ibsa laataniin, Humni Qilleensaa FDRI iddoolee odeeffannoo cimoo argateetti haleellaa bu’aa qabeessa ta’e raawwachuu himaniiru.
Oppireeshinichaan qophii guyyaa wareegamtootaa kabajuu jedhuun qophaa’erratti garee ABUT foo’uun haleeluu himaniiru.
Haleellaan iddoo gabaatti lammiileerratti raawwate kan hin jirre ta’uu mirkaneessaniiru.
Ummanni naannichaa olola gareen shororkeessaa kun tamsaasaa jiru hubachuun hojiilee naannicha deebisanii ijaaruuf hojjetamaa jirurratti xiyyeeffachuu akka qabu Koloneel Geetinnati waamicha dhiyeessaniiru.
Ummanni Ityoophiyaa hundi haala kana hubachuu akka qabuus himaniiru.
Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.