Fana: At a Speed of Life!

Oliveer Jiruud Garee Biyyaalessaa keessaa of baase

Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Taphataan Garee Biyyaalessaa Faransaayii galchii hedduu lakkoofsisuun beekamu Oliveer Jiruud umrii waggaa 37ffaa isaatti garee biyyaalessaa keessaa of baase.

Jiruud taphaa waancaa Awurooppaa 17ffaa kaleessaa biyyi isaa Faransaayii Ispeen waliin taphatte irratti jijjiiramee seenuun kan taphate yoo ta’u, Faransaay injifatamuun booda Garee Biyyaalessaa keessaa of baasuun gabaafameera.

Taphatichi yeroo 137 biyya isaaf hiriiruun galchiiwwan 57 lakkoofsiisuun rikardii taphataa urjii duraanii Faransaay Teerii Heenarii fooyyessuun galchii lakkoofsiisuun taphataa garee biyyaalessaa urjii Faransaay ta’uu danda’eera.

Oliveer Jiruud sadarkaa kilaba kubbaa miilaatti, kilabaa Monpeelee, Arsenaalii fi Chaalsiif akkasuma AC Miilaaniif taphateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.