Fana: At a Speed of Life!

Olaantummaa seeraa kabachiisuun nageenya waaraa mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaat -Pireezidaanti Saahilawarqi

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC)- Olaantummaa seera kabachiisuun nageenya waaraa mirkaneessuun xiyyeeffannoo olaanaa mootummaan bara kana qabate ta’uu Pireezidaantiin FDRI Saahilwarqi Zawudeen himan.

Pireezidanti Saahilawarqi Sirna baniinsaa Manneen maree lameeniirratti argamuun haasawaa fi kallattiilee hojii mootummaa federaalaa kennaniiru.

Walitti bu’iinsa kutaa kaabaa biyyattii waliigaltee nageeyaan xumuramuu eeraniiru.

Kunis lammiileef boqonnaa kan kenne ta’uu eeruun, ammallee mootummaan rakkoo kamuu mariin furuf kutannoo qabaachuu kan argisiise ta’uu dubbatan.

Kana malees garaagarumma yaadaa waggoottaniif turaan furuuf Koomiishiniin Marii Biyyalessaa hundeeffamuu yaadachiisanii, garaagarummaa turaan dhiphisuun Itiyoophiyaa hunda keenya fakkaattuu ijaaruuf kan gumaachu ta’uu himan.

Milkaa’ina marichaa deeggarsaa fi tattaaffii hunda keenyaa gaafata jedhaniiru.

Sabdaneessummaan Miidhagina Tokkummaan fo’aa walitti hidhamiinsaa keenyaati kan jedhan Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen, mariin biyyaalessaa sirna mootummaa qaroomaa hundeessuuf daandii ta’uu akkeekaniiru.

Olaantummaa seera mirkaneessuun, nageenya waaraa mirkaneessuun dhimmaa xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu kaasaniiru.

Keessumaa nageenyaa lammiilee mirakaneesuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamuu ta’uu fi balballi nageenyaas yoomiyyu banaa ta’uu dubbatan.

Filmaatawwan humnaa fayyadamuun faadiyaa siyaasaa argachuuf humnoota tattafatan mootummaan calliisaan kan hinilaalle ta’uu kaasan.

Hojiileen odeeffannoo sobaa fi haasawaa jibbiinsaan, walitti bu’iinsa ummatoota gidduutti uumuuf tattaffii taasifamuu itti gaafatamummaa seera mirkaneessuuf mootummaan kan hojjetuudha jedhan.

Dirree siyaasaa bal’isuuf hojiin dhaabbilee dimokiraasii bal’isuu cimee akka itti fufu ibsuun, seenessi hunda waliigalchisuu, seenessa biyyaalessaa ijaarurrattii xiyyeeffachuun kan hojjetamuu ta’uu dubbataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.