Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin qonnaa godinaalee Oromiyaarraa walitti babba’an misooma sululaa aanaalee Harargee Lixaa daawwatan

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Doobbaatti lafti qullaa ture hojii misooma sululaa qindaa’aa hojjetameen deebi’ee misoomuu ibsameera.
Hawaasni naannichaan hojii misooma Sululaaa kanarraa fayyadamaa ta’aa jiraachuu ibsaniiru.
Gaarri Hududhaab bara 1997 dura bosona malee qullaa ture hojii kunuunsa qabeenya uumama irratti hojjetameen deebi’ee misoomuun hawaasa naannichaa fayyadamoo taasiisaa jiraachuu ibsameera.
Aanaa Doobbaa sululoota gurgudda 6 kan jiran yoo ta’u lafti hektaarri kumi 4 fi 600 irratti hojiin misooma sululaa hojjetamaa jira.
Godina Harargee Lixaatti hojii misooma sululaatiin bosona dhaabuu cinaatti, misoomni muduraas gaggeffamaa jiraachuu himameera.
Ogeeyyiin qonnaa daawannaa misooma sululaatiin muuxannoo qooddataa jiran buufata biqiltuu Aanaa Xulloos daawwataniiru.
Buufatichatti biqiltuuwwan akka Avokaadoo, Maangoofi mukkeen bosonaa qophaa’aa jiraachuu Hogganan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Umamaa Godina Harargee Lixaa obbo Huseen Mahaammad eeraniiru.
Wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeruun, hubannoo hawaasa gabbisaa akka jiran dubbataniiru.
Akka Oromiyaatti biqiltuuwwan bosonaa fi muduraa misooma sulula keessatti xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jiraachuu Ittaanaa Hogganan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadiir himaniiru.
Dabalaa Taaddasaatu Gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.