Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin Itiyoophiyaa fi IMF gamaaggamaa 2ffaa dhiyeessii liqii dheereffamerratti waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2017 (FBC)-Ogeeyyiin Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) gamaaggamaa 2ffaa dhiyeessii liqii dheereffamerratti waliigalaniiru.

Gamaaggamni Boordii Hojii Raawwachiistuu IMF wayita xumuramu Doolaarri miiliyoona 200 fi miiliyoona 51’tti dhiyaatu Itiyoophiyaaf akka gadi Lakkifamu ibsameera.

Dhiyeessiin liqii dheereffame hammattoo waliigaltee liqii Doolaara biiliyoona 3.4 waggoota 4’f turu ta’uun eerameera.

Gareen Jilaa Ogeeyyii Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Alvaaroo Piiriisiin durfamu Sadaasa 3-17 2017’tti Itiyoophiyaatti turtii taasisuun ibsameera.

Garichi turtii isaan Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Ministir Deetaa Ministeerichaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny, Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu fi Qondaaltoota olaanoo mootummaa waliin mari’achuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.