Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii warshaa daabboo shaggariif leenjiin ‘online’ kenname bu’aa qabeessa ture jedhame

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Yeroo dhiyootti hojii kan eegalu ogeeyyii warshaa daabboo Shaggariif leenjiin ‘online’ kennamaa ture bu’aa qabeessa ta’uu Injiinar Taakkalaan ibsaniiru.
 
Itti aanaa kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan miseensota kaabinee waliin haala ijaarsi warshaa daabboo irra jiru daawwataniiru.
 
Sababa weerara vaayrasii koroonaan meeshaaleen alaa galuu qormaata ta’us, dhaabbiin warshichaa haala gaariin xumuramaa jirachuu Injiinar Taakkalaan Fuula Feesbuukiin isaaniin nibsaniiru.
 
Galteewwaan oomishaaf barbaachisan hundi qophii ta’uu kan ibsan Injiinar Taakkalaan, maashinoonni alaa galan muraasni yeroo as ga’an warshichi hojii ni eegala jedhan.
 
Ogeeyyii biyya keessaaf Online leenjii kennuun ogeeyyii ga’umsa qaban horachuun danda’ameera jedhan.
 
Warshaan kun Baatii muraasa keessatti ijaarrame xumurarra ga’uu isaa fi adeemsa kana keessatti ogeeyyii ga’umsa qaban hedduu horachuu danda’uu keenyaatti daraan gammanneera jedhan Injiinar Taakkalaan.
 
Awtoobisoonni Anbasaa yeroo dheeraaf hojii malee dhaabbatanii turan 400 haaroomuun gurgurtaa fi rabsaa daabboof qophaa’uu isaanii itti aanaa Kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan dubbataniiru.
 
Warshaan daabboo kun yeroo hojii eegaleetti sa’aa tokkotti daabboo kuma 80 ol oomishuu danda’a jedhameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.