Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii miidiyaa kutaa Baha biyyattiif leenjiin ijaarsa dandeettii cimsuu kennamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Ogeeyyii miidiyaa kutaa Baha biyyattiif leenjiin ijaarsa dandeettii cimsuu Magaalaa Dirree Dawaatti kennamaa jira.

Dameen Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dawaa waliin ta’uun leenjii kana kennaa jiraachuu ibsame.

Leenjichi mata duree “Ijaarsa Seenessa Guddicha fi Gahee ogeeyyii Miidiyaa” jedhuun Itti Gaafatamaa Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Addisuu Araggaan kennamaa jira.

Itiyoophiyaan seenaa qaroomina bara durii qabaattus, sababa ijaarsa seenessa fedhii mootummootaa irratti hundaa’een sirna itti fufiinsa qabuu fi fudhatama qabu ijaaruu akka hin dandeenye waltajjicharratti ka’ee jira.

Seenessi sabboonummaa irra caalaan har’a irratti ciminaa fi hanqinni jiraachuu isaa dursee kan hubatu, boru ykn gara fuulduraatti abdii fi yaaddoon akka jiran dursee kan agarsiisu, galmi isaas tokkummaa cimaa sabboonummaan keessatti kabajamuufi Itiyoophiyaa badhaate ijaaruu keessatti qaamni hundinuu milkaa’ina seenessa kanaatiif gumaacha irraa eeggamu bahachuu akka qabu Obbo Addisuun ibsaniiru.

Milkaa’ina seenessa guddichaa lafa qabsiisuuf miidiyaalee fi dhaabbileen miidiyaa itti gaafatamummaa olaanaa waan qabaniif gama ajandaa bocuutin, ilaalama dogoggoraa jiran sirreessuu keessattis ta’ee seenessi guddichi lafa akka qabatu gahee adda durummaa isaanii ba’huu akka qaban hubachiisan.

Seenessa hawwataa fi ajandaa bocuudhan tamsaasuu, hawaasni seeneffama guddicha kana waliin akka wal baru taasisuurratti miidiyaaleen qooda isaanii bahuu qabu jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.