Fana: At a Speed of Life!

Ogeessoota ogummaa barsiisummaan tajaajilaa turaniif itti gaafatamummaa biyyaa akka ba’ataniif waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Ogeessoota ogummaa barsiisummaan tajaajilaa turaniif itti gaafatamummaa biyyaa akka ba’ataniif waamichi dhiyaate.

Ministeerri Barnootaa ogeessoota ogummaa barsiisummaan tajaajilaa turaniif itti gaafatamummaa biyyaa akka bahataniif waamicha dhiyeesse.

Ministeerichi sababa weerara vaayrasii koroonaan baatii 7f adda cite kan ture adeemsi baruu fi barsiisuu tumsuuf barsiisoonni manneen barnootaa naannoo isaanitti argaman qophii akka taasisaniif waamicha dhiyyeesseera.

Ministirri Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa mata duree “Anis nan barsiisa” jedhuun wiixataa eegalee kutaalee biyyaa hundatti kanan dura barsiisaa kan turaanii fi ogeessonni ogummaa barsiisumma leenjia’an hojiin galmeessu ni hojjetama jedhaniiru.

Ogeessoonni manneen barnoota dhiyeenya isaniitti argamu adeemuu fi galmaa’uun damee oogummaa barnootaa isaanii akka tumsan waamicha taasisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.