ODUU AMMA NU QAQQABEEN
Itiyoophiyaan imaammata fooyyessa diinagdee Gooroo hojiirra oolchuutti seentee
Finfinnee, Adoolessa 21, 2016 (FBC)- Itiyoophiyaan imaammata fooyyessa diinagdee Gooroo hunda galeessa ta’e hojiirra oolchuutti seentee.
Imaammata Sagantaa Fooyyessa Diinagdee Gooroo
ilaalchisuun cuunfaan ibsa kenname akka ittaanutti dhiyaateera.
Jijjiirama Siyasaa Bara 2010 hordofee mootummaan hojiilee Diinagdee Gooroo fooyyessuu gaggeessaa tureera.
Adeemsa Fooyyessa imaammataa fi seeraa gaggeeffamaniin diinagdeen biyyattii gara diinagdee gooroo tasgabbaa’aatti akka ce’u abdii uumeera.
Sagantaan fooyyessii diinagdee mandhalee marsaa jalqaba bara baajataa 2011 hojiitti seenes kaayyoo fi galmoota diinagdee bal’aa kan milkeessedha.
Itiyoophiyaan waggoottan ja’an darban guddina diinagdee itti fufiinsa qabu galmeessuun addunyaarraa biyya diinagdee saffisaa argisiisa jiran keessa tokko ta’uu ibseera.
Dhiyeenya kan ragga’e sagantaan fooyyessa diinagdee mandhalee marsaa 2ffaan hojiilee fooyyessa diinagdee gooroo hafan xumuruuf kutannoo jiru kan argisiisuudha.
Haaluma kanaan sagantichi utubaalee afurirratti kan hundaa’e ta’uu eerameera.
Kunneenis, diinagdee gooroo tasgabbeessuu fi waarinaan kan deeggaru hammattoo imaammata diinagdee Gooroo tasgabba’aa hundeessuu, invastimantii mijataa kalaqa jajjabeessuu fi naannawaa damee daldalaa fi dorgomtummaa guddisu, dandeettii oomishaa fi omishtummaa biyyaa keessaa cimsuu fi tajaajila qulqullina qabu ga’umsaan dhiyeessuuf dandeettii mootummaa guddisuu fa’aa ta’uu ibseera.
Ajandaan fooyyessa diinagdee guddina diinagdee hunda galeessaa fi kalaqa hojii kan bu’uureffateedha.
Sagantichi qaala’iinsaa jireenyaa tasgabbeesuu, walbuusa sharafa alaa walsimsiisuu, damee faayinaansii daran cimsuu, qaala’iinsa gatii to’achuu, galii gibiraa guddisuu, bu’aa qabeessummaa invastimantii mootummaa fooyyessuu, idaa mootummaa waarinaan mirkaneessuun, dorgomtummaa damee baankii cimsuu fi naannawaa invastimantii fi daldalaa fooyyessuu, sirna diinagdee ammayya’aa fi dorgomaa sadarkaa idila addunyaatti ijaaruuf galmi biyyaalessaa akeekameera.
Waggoottan darban fooyyessa diinagdee Mandhalee hojiirra oolchuuf deeggarsa faayinaansii argachuuf tattaffiiwwanii fi mariiwwan garaagaraa taasifamaa turuun eerameera.
Haaluma kanaan akkaataa walduraa duubaa fooyyessiiwwan imaammataa fi kaayyoowwan diinagdee gooroo kaa’amaniin waliigalteerra ga’amuun danda’ameera.
Haaluma kanaan fooyyessi diinagdee Gooroo Dhaabbataa Maallaqaa Idil Addunyaa, Baankii Addunyaa fi tumsitoota misoomaa biroon kan deeggaramu ta’uun ibsameera.
Bu’uurama kanaan sagantaa fooyyessa diinagdee mandhalee fi karoora invastimantii fi misoomaa bara giddugaleessaarratti kan hammatame ta’uun ibsameera.
Walbuusa sharafa alaa sirreessuu fi hanqinaalee madaala kaffaltii ida alaa yeroo dheeraa furuu, hammattoo imammata maallaqaa ammayyeessuun qaala’iinsa gatii hir’isuu, saaxilamummaa idaa furuu fi galii biyya keessaa guddisuun haniqnaalee fedhiiwwan misoomaa biyyaalessaa dandeettii biyyaa keessaa milkeessuuf carraa mijataa kan uumu, hirmaachisummaa, dorgomtummaa fi tasgabbii damee faayinaansii cimsuu fi kenniinsa tajaajilaa mootummaa fooyyessuun, jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuun, sirna diinagdee cimaa, hirmaachisaa fi waaraa ijaaruun kaayyoo fooyyessa diinagdee ta’uun eerameerra.
Fooyyessiiwwan imaammata diinagdee gooroon, tarkaanfiiwwan imammataa fi faayidaalee biyyaalessaa eegamaniin sirna tilmaama sharafa alaa gabaa bu’uureffate, bitaa fi gurgurtaan sharafa alaa gabaan akka bitamee gurguramu adeemsa taasisuudha.
Walbuusa sharafa alaa kan qajeelchu, shaqaxoota galii fi ba’ii haala qabatamaa gabaa waliin akka walsimu taasisa, madaala kaffaltii kan sirreessuu fi faayidaalee biroo akka qabu ibsameera.
Mootummaan sagantaa fooyyessa diinagdee Gooroo ga’umsaa fi bu’aa qabeessummaan hojiirraa oolchuuf tarsiimoowwan ijoo kaa’eera.
Tarkaanfiiwwan imaammataa gurguddoon armaan olitti tarreeffaman karoora misoomaa yeroo dheeraa fi giddu galeessaa waliigalaa biyyoolessaa waliin kan walsimudha.
Akkasumas, mootummaan haala dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa eegu fi fayyadamummaa lammiilee keenyaa mirkaneessuun hojiirra akka oolu hammattoowwan hordoffii fi deeggarsa ni diriirfamu.
Kanaafis manneen hojii ministeerota dhimmichi ilaallatuu fi dhaabbileen mootummaa hundatti hordoffii fi deeggarsi barbaachisaan ni taasifama.
Gama dhaabbilee dhimmichi ilaallatu hundaan raawwii hojiirra oolmaa imaammataa walsimannaa akka ta’uuf mootummaan hoggansa fooyya’iinsa imaammataa cimaan jiraachuu ni mirkaneessa.
Gama biraatiin mootummaan dandeettii dhaabbilee diinagdee gooroo ijoo kanneen akka Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Ministeera Maallaqaa fi Ministeera Karooraa fi Misoomaaf ni cimsa. Dhaabbileen kunneen imaammata dinagdee gooroo bocuu, hojiirra oolchuu fi dhiibbaa uumaan hordofuu fi madaaluuf gahee olaanaa bahata.
Haaluma walfakkaatuun mootummaan sagantaa riifoormii dinagdee gooroof deeggarsa walitti qabuuf qooda fudhattoota hunda waliin qunnamtii hariiroo iftoomina qabu ni taasisa.
Dabalataan, kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an deeggaruuf hojiileen garaagaraa akka gaggeeffaman eerameera.
Sagantaawwan seeftineetiin deeggarsi ni taasifama.
Hojjettoota mootummaa mindaa xiqqaa argatan, yeroo gabaabaaf dhiibaa fooyyessi dinagdee gooroo uumuurraa eeguuf deeggarsa mindaa fi fooyyessi barbaachisaan yeroo murtaa’eef ni taasifama.
Daballiin gatii boba’aa, mootummaan gartokkeen ni deeggars ani taasisa.
Adeemsa fooyyessa diinagdee gooroo rratt gamaaggamni walitti fufiinsa ni taasifama.
Mootummaan haala odeeffannoo yeroorratti hundaa’uun, sirreeffama imaammataa tilmaamamaa barbaachisaa fi yeroo eeggate ni taasisa.
Adeemsa fooyyessa dinagdee gooroo hordofuun dinagdee keessatti malaammaltummaa fi hojmaata badaa bulchiinsa gaarii fi seeraa alummaa mudachuu malan ittisuuf mootummaan dammaqinaan to’annoo taasisuun tarkaanfiiwwan ni fudhata.