Fana: At a Speed of Life!

Odeeffannoo dhugaa kennuun qaroomina ofis biyyaas baraaruudha – Kominikeeshinii Magaalaa Sabbataa

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC) – Magaalaa Sabbataa ganda 08 warshaa bu’awwaan mukaa”pengifie wood factory” jedhamutti Lammiin Chaayinaa tokko dhukkubni vaayrasi koroonaa(COVID-19) irraatti argame jira.

Namoota nama kana waalin walitti dhufeenya qaban ogeeyyii fayyaa Fedarala, Naannoo fi magaalaa keenya irraa walitti dhufanin adda ba’a jira.

Kanaafuu hawaasni keenya maal gochuu qaba,

~soodaa hin barbaachifne keessaa bahu
~ Of eeggannoo cimsuu
~ Harka saamunaan dhiqachuu
~Fageenya eegachuu
~Harka wal fuudhuu dhiisuu
~ Yoo danda’e mana ooluu
~Qaama Odeeffannoo barbaaduf odeeffannoo kennuu.
~ Ollaa ofii too’achuu. Fi wantoota kana fakkatan gochuu qabu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.