Fana: At a Speed of Life!

OBN godina Baalee Bahaatti hawaasa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaata kuntaala 900 gumaache

Finfinnee, Muddee 8, 2014 (FBC)- Oromiyaa Broodkaastiing Netwoork godina Baalee Bahaatti hawaasa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaata kuntaala 900 gumaacheera.

Daayreektarri olaanaan OBN, Gaazexeessaa Zinaabuu Asraat, Ummanni Baalee Ummata seenaati, Ummata kana gidduutti argamuun kabajaadhas jedhan.

Dabalataanis Ummanni Oromoo osoo jiru, Ummanni gootaa beela’uu hin qabu. kanaafis, Ummanni Oromoo martinuu birmachuu qabu jedhaniiru.

Abbootiin Gadaa fi maanguuddoonni godinichaa, akkasumas hooggansi sadarkaa godinaatti jiru, OBN midiiyaa qofa osoo hin taane, rakkoo hawaasa cinaa miidiyaa dhaabbataa jiru ta’uusaatti dinqisifataniiru jechuun OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.