Fana: At a Speed of Life!

OBN chaanaalii 2ffaan guyyaa har’aa tamsaasa yaalii eegaleera

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)-   Oromiyaa Broodkaastiing Neetwork (OBN) chaanaalii 2ffaan guyyaa har’aa tamsaasa yaalii eegaleera.

Chaanaliin kun “OBN Horn Of Africa” jedhamee akka waamamu Mootummaan Naannoo Oromiyaa murteessee jira.

Kaayyoon guddaan chaanaalii kanaa walitti hidhamansaa fi obbolummaa ummatootaa gaanfa Afriikaa cimsuudha.

Keessumaa Walitti hidhamiinsa ummattota gaanfa dhugoomsuuf tattaaffii godhama jiru keessatti Ummatni Oromoo fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gahee irraa eegamu akka bahan godhuudha.

Kanaafuu Chaanalichi Afaan Oromoo, Afaan Ingilizii, Afaan Arabaa, Afaan Somaalee, Afaan Tigree, Afaan Kiswaahilii, Afaan Affaar, Afaan Amaaraa, Afaan Sidaamaa fi afaanota biroon oduu, sagantaawwan fi qophiiwwan bashannaa garaa garaa kan tamsaasu ta’u walitti qabaan boordii Oromiyaa Broodkaastiing Neetwork obbo Addisuu Araggaa toora Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

 

Satellite:Eutelsat 8WB ku-band
Down link frequency:11137MHZ
POLARIZATION:HORIZONTAL
SYMBOL RATE:27500
FEC:5/6

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.