Fana: At a Speed of Life!

Obbolummaan Ityoophiyaa fi Sudaan guddinaa waloof murteessaadha –Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC)-  Obbolummaan Ityoophiyaa fi Sudaan gara sadarkaa olaanaatti akka ce’uuf fedhii garii Ityoophiyaa ta’uu Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin ibsaan.

Mariin siyaasaa sadarkaa olaanaa dhimmoota daangaa Ityoo-Sudaan 2ffaa Kaartuumitti eegalameera.

Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin naannoo Tigraayitti olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii mootummaan Ityoophiyaa fudhate deeggarsa uummannii fi mootummaan Sudaan taasisaniif galateeffatan.

Naannoo Tigraayitti olantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii mootummaan Ityoophiyaa fudhate milkaa’inaan xumuramuu kan ibsan, obbo Daammaqaan, wayita ammaa naannicha keessatti nageenyii fi tasggabbiin bu’eera jedhan.

Naannoo Tigraayitti bulchiinsi yeroo hundeeffamuun hawaasicha waliin mariin taa’amaa akka jiruu fi tajaajilla misooma bu’uuraa laatama jira jedhaniiru.

Obbo Dammaqaan Sudaan tarree biyyoota shororkeessitootaa deeggaran jedhaman keessaa ba’uusheen ummataa fi Mmootummaa Sudaaniin ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.